Itoophiyaan biyya seenaa dheeraa qabdu taatus rakkoo siyaasaa barootaaf ishee sakaale furattee ijaarsa biyyaarratti xiyyeeffachuu irratti rakkoo hedduu qabdi ture.
Mootummaan Itoophiyaa ammaa yeroo jalqabaaf marii biyyaalessaa gaggeessaa jira. Kunis gaaffii uummanni biyyichaa kaasaa ture gama siyaas-dinagdee fi amantaan jiru dabalatee ni fura jedhamee abdatameeti.
Qabxiilee ijoo saddet cuunfuun Komishiniin Marii Biyyaalessaa erga dhiyeessee amma mariitti jiru.
Kun heera mootummaa biyyichaa hanga aangoo siyaasaa gaggeessitoota biyyaa daangessuutti, daangaa bulchiinsa naannolee fi caasaa bulchiinsa isaaniitti marii hammatedha.
Kana dura Itoophiyaa keessatti mariin akkasii gaggeeffamee hin beeku. Garuu ammallee paartileen siyaasaa maricha keessa hin jirre rakkoo siyaasaa biyyattii hin furu jedhanii amanu.
Mee duubatti deebinee seenaa rakkoo siyaasaa furuu Itoophiyaan keessa darbite haa ilaallu.
Mootummoonni Itoophiyaa yeroo heddu karaa nagaa osoo hin taane waraanaan, fonqolchaan ykn warraaqsa uummataan aangoo gadi lakkisu.
Seenaa Itoophiyaa waggoota dhiyoo akka fakkeenyatti yoo ilaalle, mootummaan Hayilasillaasee sochii barattoota yuunivarsiititti eegaleen daddaaqee Dargiin fonqolchee aangoo irraa fudhate. Dargiin ammoo gaaffii siyaasaa bu’uuraa biyyattii keessatti gaafatamaa ture humnaan furuuf adeemsa deeme keessatti hidhattoota akka TPLF, OLF fi EPLF fa’aan waraanan aangorraa kaafame.
[7/29/2026 6:07 AM] Dawit 2: Sirna Dargii booda siyaasa Itoophiyaa to’atee kan ture mootummaan ADWUI gaaffilee bu’uuraa kanneen akka mirga ofiin of-bulchuu afaanifi eenyummaa deebisuu danda’us, biyyattii gara dimokiraasitti ceessisuu dhabuufi gaaffileelee siyaasaa gaafatamaa turan humnaan ukkkaamsufi gara dimokiraasitti cehuu dhabuun warraaqsa uummataaf isa saaxile.
Sochiin Qeerroo bara 2016-2018 gaggeeffame ADWUIn olaantummaa TPLFtiin waggoota 27 oliif Itoophiyaa bulche diigamee achuma keessaa Paartiin Badhaadhinaa kan amma Itoophiyaa harkaa qabu akka dhalatu taasise.
Bara 2018 MM Abiy erga aangotti dhufaniis Itoophiyaa keessaa lolli hin dhabamne- inumaayyuu waggoota 7 darban keessatti Itoophiyaan waraana balaafamaa keessa seente. Akkuma aangotti dhufaniin wal-dhabdee bulchiinsa isaaniifi ABO gidduutti mudateen Oromiyaatti waggoota 7 darbaniif waraanni hin dhaabbanne.
Tigraayitti waraanni balaafamaan lubbuu kumaatamaa galaafateefi diinagdee biyyattii bulleesse waggaa lamaaf erga gaggeeffamee booda waliigaltee Piritooriyaan dhaabbatus carraan deebi’ee eegaluusaa bal’ataa dhufeera.
Waliigaltee Piritooriyaa booda hidhattoota Amaaraa jalqaba mootummaa MM Abiy waliin ta’uun humnoota Tigraay lolaniifi raayyaa ittisaa gidduutti waraanni bifa haaraan naannoo Amaaratti dhalate.
Ofii Itoophiyaan rakkoo keessoo maaf mariin fudhachuurra humnaan furuu filatti? Waraana keessoo kana dura gaggeeffamerraa maaf hin baratamu?
[7/29/2026 6:09 AM] Dawit 2: Gama biroon ammoo Itoophiyaan Afrikaa keessaa biyya gita bittaa jala hin turredha. Kuni ammoo akka biyyaatti rakkoo alaa itti dhufu dandamattee akka turtu ishee taasisera.
Haa ta’u garuu rakkoo keessooshee xumurachuu hin dandeenye. Mootummoonni Itoophiyaa hojii manaa walii kaa’aa deemu. Rakkoo inni tokko uume, inni ittaanu taa’ee osoo hin furin rakkoo biraa keessa seena.
Obbo Baayyisaan dippilomaatii UN ta’anii hojjachuusaaniin waraana waliinii dabalatee rakkoolee biyyoota addunyaa garaa garaa keessa jiruufi akkaataa itti biyyoonni rakkoo kan Itoophiyaa fakkaatu qaban furatanii keessa darban qorachuu keessatti hirmaataniiru.
Rakkoon Itoophiyaa mudate akka “cabbii tulluurraa konkolaatuti” jedhu. Cabbiin tulluurraa konkolaatu cabbii dabalataatuma guddataa deema jechuusaaniti.














