Aanga’oonni naannoo Tigraay wixinee seeraa akka dirqama loltummaaf nama fo’ataniifi ‘aangoo isaaniifi kennuu’ akkasumas akka mormitoota adabaniif ‘karaa isaaniif banu’ akka haqaniif Huumaan Raayitis Waach akeekkachiise.
Jaarmiyaan mirga namaaf falmu kun ibsa Waxabajji 23, 2026 baaseen, TPLF wixinee seeraa kana kan baase bulchiinsa yeroo ce’umsaa mootummaa Federaalaatiin muudame aangoorraa kaasee “erga tajaajila loltummaa biyyaalessaa Ertiraa waliin kan wal fakkaatu namoota guuruu jalqabeen boodadha,” jedheera.
Huumaan Raayitis Waachitti daarektarri itti aantuu dame Afrikaa Latiishaa Badiir “dhalattoonni Tograay walitti bu’insa waggoota lama ureefi badii hamaa qaqqabsiisee keessaa ammallee akka hin ba’iin jiran” himuun, “aanga’oonni naannichaa sababa muddama siyaasaa amma jiruun namoonni sivilii ta’an tajaajila loltummaa akka kennaniif dirqisiisuuniifi isa cinaatti amoo warra dirqamaan loltummaaf guuruu kana morman qeeqan adabuu hin qaban,” jedheera.
“Labsiin jiraachuufi jiraachuu dhabuufi nageenya ummata Tigraay mirkaneessuuf mootummaan naannoo Tigraay baase,” mata-duree jedhuun wixineen qophaa’e kun mana-maree naannichaatiin akka raggaasifamu ragaan Tigrinyaa maddeenirraa argate ni mul’isa.
Kutaa jalqabaa wixinee labsichaa keewwata 5 irratti dhalataan Tigraay kamiyyu umuriifi haalli fayyaa isaa hayyamuuf waamicha waraanaa mootummaan naannichaa dhiyeessuuf fudhatee hirmaachuuf “dirqamni biyyaalessaa” akka irra jiru ibsa.
Gareen mirga namoomaa Ethiopian First jedhamu “guutuu Tigraayitti dirqiin waraanaaf dargaggoota guuruun” raawwatamaa akka jiru mallattooleen mul’isan akka jiran AFP’tti himeera.
Kutaa sadaffaa bakka “itti gaafatamummaa yakkaa” kan jedhu jalatti ammoo waraana Tigraayitti makamuu ykn waraanuuf namni hayyamamaa hin taane kamiyyu yookaan ammoo cinaa hiriiruun ykn adda waraanaarratti bahee gahee isaa akka ba’atuuf waamichi dhiyaateefiif kan hin fudhanne taanaan birrii 10,000 hanga 50,000 adabamee dirqama isaa akka ba’atu taasifama jedha wixineen kun.
Keewwata kana jalatti sochii humnoota Tigraay ykn mootummaa saaxiluun, meeshaa waraanaa seeraan ala qabachuu, rasaasa ykn richiitii dhukaasuun, akkasumas miliquuf yaaluun, waamicha biyyaalessaa deeggaruu dhiisun hidhaa ykn maallaqaan akka adabsiisu ibsameera.
[6/25/2026 11:05 AM] Dawit 2: Dirqamni waraanaaf guuramuu Tigraayitti raawwatamaa jiru yaaddoo uumuu isaatiin dargaggoonni hedduun naannicha gadhiisuun naannolee Itoophiyaa birootti baqachaa kan jiran yoo ta’u kaan ammoo naannichuma keessatti dhokatanii akka jiran dubbatu jiraattota dubbisnera
Naannichatti sababa dargaggoonni waraanaaf adamsaman kanaaf sochiin danqamee akka jiru kan himan jiraattonni sodaan guddaan uumamuus himu.
Dirqiin waraanaaf adamsuu kana jiraattotni fi dhaabbileen mirga namoomaa balaaleffachaa kan jiran yoo ta’u, TPLF hojiin waraanaaf dargaggoota guuruu kun fedhiidhaan kan raawwatamu dha jechuun haaluu isaa Ejensiin Oduu Faransaay (AFP) gabaasee ture.
Akka gabaasa AFP’tti, dirqiin waraanaaf guuruun kun dargaggoota sirna awwaalchaa irratti argaman dabalatee bakka hedduutti raawwatamaa jira, warri qabamanis dirqamaan gara kaampiiwwan leenjiitti geeffamu.
Gama biraatiin, dhaabbatni mirga namoomaaf falmu Human Rights First Ethiopia jedhamu qaamonni nageenyaa Tigraay naannichaa keessatti sochii babal’aa dargaggoota waraanaaf guuruu fi humna waraanaaf nama foo’uu raawwachaa akka jiran eeruun ibsa baasee jira.

እንግሊዝ የኤርትራ ዲፕሎማቶችን እንቅስቃሴ እንደምትገድብ አስጠነቀቀች
ሻዕቢያን ከሳህል በረሃ የትጥቅ ትግል ዘመን ጀምሮ ኤርትራን ገንጥሎ መንግስት እስከሚሆን ድረስ በርካታ የአውሮፓ ሀገራት አጋር ሆነው የፋይናስና…
ኦነግ ለኢሳይያስ ንግግር በመግለጫ ምላሽ ሰጠ
የኦሮሞ ነጻነት ግንባር (ኦነግ) ትናንት ባወጣው መግለጫ “ህዝባችን ላይ የታወጀና በቀጣናው ደግሞ እየተስተዋሉ ያሉ ችግሮች እየጠነከሩ በመምጣታቸው እንዲሁም…
የተቋረጠው የትግራይ በረራ በድጋሚ መጀመሩ ምን ያመለክታል?
የኢትዮጵያ አየር መንገድ በጊዜያዊነት ተቋርጦ የነበረውን ወደ መቀሌ ከተማ የሚያደርገውን መደበኛ በረራ እሁድ ከጥቅምት 1 ቀን 2019 ዓ.ም ጀምሮ…
ኢትዮጵያ ስለተፈጸመባት ወረራ ለተመድ የፀጥታ ም/ቤት አሳወቀች
የኢትዮጵያ የውጭ ጉዳይ ሚኒስትር ዶ/ር ጌዲዮን ጢሞቲዮስ ኢትዮጵያ በኤርትራ ወረራ እንደተፈጸመባት እና ራሷን ከመከላከል ውጪ ሌላ አማራጭ እንደሌላት…













